Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Dabballootni Wayyaanee Sababa amantii xureessitan jedhuun Baha Wallaggaa Godina Horroo Guduruu keessaa ilmaan Oromoo hidhaa jiran.

(Madda Oduu ABO/MOA/Bitootessa 11,2009) Maddeen oduu keenyaa akka gabaasanitti, sabboontotni Oromoo Baha Wallaggaa Godina Horroo Guduruu keessaa maqaa amantii xureessan jedhuun dabballoota wayyaaneen dharaan yakkamanii hidhaatti darbamaa jiran.

Haala kanaan namootni hedduun akka dhaanamanii fi hidhaman kan ifa godhe oduun kun, amma illee namootni baay’een badii malee hidhamaa jiraachuu ibse. Oromootni baay’een kan hidhamaa jiran Oromummaa fi sabboonummaa qabaniin yakkamanii ti malee amantii xureessan kamuu akka hin qabne kan ifa godhe oduun kun, jiraattuu magaalaa Shaambuu kan ta’an maanguddoon Oromoo ganna 45 aadde Mootuu Namarraa Jaaluu jedhaman keessatti argamu.

Ilmaan Oromoo dharaan yakkisiisee akka hidhaman kan godhaa jiru barattoota Oromoo irratti yakka raawwatuun kan beekamu waardiyaa mana barumsaa sad.2ffaa Shaambuu kan turee fi yeroo ammaa wayyaaneen aangoon kan kennameef nama Amsaaluu jedhamu ta’uu oduun kun mirkaneessee jira.

Oduuma wal fakkaatuun dabballootni wayyaanee Godina Lixa Shawaa magaalaa Ambootti hordoftoota amantii Kiristaanaa fi Musliimaa walitti diruuf shira xaxaa akka jiran bira ga’ameera. Humnootni badii wayyaanee kun manneen kadhannaa ummataa dhokatanii halkan ofumaaf gubanii hordotoota amantii Kiristaanaa fi Musliimaa wal dura dhaabuuf ijibbaataa jiran.

Ummatni shira wayyaanee walitti bu’iinsa amantii xaxuuf olii fi gadi fiigaa jiru kanatti dammaqee gamtaan dura dhaabbachuu akka qabuu fi shira diinaa kanaan wal dura dhaabbachuu akka hin qabne sabboontotni dhaamsa dabarsaniiru.

********

Wayyaaneen maqaa WBO balleessina jedhuun godina Harargee Dhihaa Onoota hundaa irraa milishoota walitti guurtee leenjisaa akka jirtu maddeen gabaasan.

(Madda Oduu ABO/MOA/Bitootessa 11,2009) Wayyaaneen Harargee dhiyaa Onoota hundaa irraa milishoota walitti guurtee magaalaa Mi’eessoo bakka dirree xiyaaraa jedhamutti leenjii kennaafii akka jirtu MOAn gabaasa. Kunis maqaa WBO dhabamsiisuu jedhuun ta’uun barameera.

Kana malees WBO sakatta’uuf, konkolaataa 6n waraana dhaabbataa fi miliishaa wal keessa fuudhuun karaa  Daaroo Labuu bobbaasuun ummata gidirsaa jirti. Waraanni konkolaataan  2 ammoo gara Bookee Taffee akka geeffame maddeen keenya ibsaniiru.

Karaa biraan  nannoo Dirree Dhawaatti namin misheensa keenya hin taane jiraachuu hin danda’u jechuun,  Hafoosha ummataa keessa seenanii ummata jeeqaa akka jiran maddeen keenya Dirree irraa gabaasanii jiru.

MOA


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net